2 dubartoonni hafuurota hamoo fi dhibee irraa fayyifaman tokko tokkos isa wajjin turan; isaanis Maariyaam ishee Magdalaa kan hafuuronni hamoon torba ishee keessaa baʼan, 3 Yohaanaa niitii Kuuzaa isa eegduu mana Heroodis turee, Suusanaa fi dubartoota biraa baayʼee turan. Dubartoonni kunneenis waan qabaniin Yesuusii fi barattoota isaa tajaajilaa turan.