49 Utuu Yesuus dubbachaa jiruus namni tokko mana Yaaʼiiroos bulchaa mana sagadaatii dhufee, "Intalli kee duuteerti; ati siʼachi barsiisicha hin rakkisin" jedhe.
50 Yesuus garuu yommuu dhagaʼetti Yaaʼiiroosiin, "Amani malee hin sodaatin; isheen ni fayyitii" jedhe.
51 Inni yommuu mana Yaaʼiiroos gaʼetti Phexros, Yohannisii fi Yaaqoob akkasumas abbaa fi haadha intalattii malee akka namni tokko iyyuu isa wajjin ol seenu hin eeyyamne. 52 Kana irratti namoonni hundinuu isheef wawwaachaa, faarsaas turan. Yesuus garuu, "Hin booʼinaa; isheen ni rafti malee hin duuneetii" jedhe.
53 Isaan immoo akka isheen duute waan beekaniif isatti kolfan. 54 Inni garuu harka ishee qabee, "Intala ko, kaʼi!" jedhe. 55 Hafuurri ishees ni deebiʼe; isheenis yommusuma kaatee dhaabatte. Ergasii Yesuus akka isaan waan isheen nyaattu isheef kennan isaanitti hime. 56 Abbaa fi haati ishees ni dinqifatan; inni garuu akka isaan waan taʼe sana nama tokkotti illee hin himne isaan ajaje.