Pular para o conteúdo
Publicidade

Lucas 9

Yesuus Nama Kuma Shan Sooruu Isaa

10 Ergamoonnis yommuu deebiʼanitti waan hojjetanii turan Yesuusitti himan. Innis ofitti isaan fudhate; isaanis ofumaan gara magaalaa Beetisayidaa jedhamtuu dhaqan; 11 namoonni baayʼeen garuu waan kana beekanii isa duukaa buʼan. Innis isaan simatee waaʼee mootummaa Waaqaa isaanitti hime; warra fayyuun isaan barbaachises ni fayyise.

12 Gara galgalaatti warri Kudha Lamaan gara isaa dhufanii, "Waan nu as gammoojjii keessa jirruuf, akka namoonni kunneen gara gandootaatii fi baadiyyaa naannoo kana jiranii dhaqanii waan nyaatanii fi iddoo bultii barbaadataniif isaan gad dhiisi" jedhaniin.

13 Inni immoo, "Isinuu waan isaan nyaatan kennaafii" jedhee deebise.

Isaanis, "Nama kana hundaaf nyaata yoo dhaqnee binne malee nu buddeena shanii fi qurxummii lama qofa qabna" jedhanii deebisan. 14 Dhiira gara kuma shantu achi ture.

Inni garuu barattoota isaatiin, "Garee tokkoon tokkoon isaa gara nama shantama shantamaa qabuun isaan teessisaa" jedhe. 15 Barattoonnis akkasuma godhan; namni hundis ni taaʼe. 16 Innis buddeena shananii fi qurxummii lamaan fuudhee, gara samii ol ilaalee galata galchee caccabse. Ergasii akka isaan namootaaf dhiʼeessaniif barattootatti kenne. 17 Isaan hundi nyaatanii quufan; barattoonnis hurraaʼaa hambifame gundoo kudha lama guutuu walitti qaban.

Veja também