Pular para o conteúdo
Publicidade

Luqaas 9

27 "Ani dhuguman isinitti hima; warra as dhadhaabachaa jiran keessaa namoonni tokko tokko utuu mootummaa Waaqaa hin argin duʼa hin dhandhaman."

Bifti Yesuus Geeddaramuu Isaa

28 Yesuus erga waan kana dubbatee gara guyyaa saddeetii booddee Phexros, Yohannisii fi Yaaqoobin fudhatee kadhannaadhaaf tulluu tokkotti ol baʼe. 29 Utuu inni kadhachaa jiruus bifti fuula isaa geeddarame; uffanni isaas adii calaqqisu taʼe. 30 Kunoo namoonni lama jechuunis Musee fi Eeliyaas, ulfina guddaadhaan mulʼatanii Yesuus wajjin haasaʼaa turan. 31 Isaanis ulfinaan mulʼatanii waaʼee addunyaa kana irraa deemuu isaa kan inni Yerusaalemitti raawwachuuf jiru sanaa dudubbachaa turan.

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.

Veja também