Pular para o conteúdo
Publicidade

Lucas 9

Yesuus Duukaa Buʼuun Gatii Nama Baasisa

57 Utuu isaan karaa deemaa jiranuus namichi tokko Yesuusiin, "Ani iddoo ati dhaqxu hundatti si duukaa nan buʼa" jedhe.

58 Yesuusis deebisee, "Waangoonni boolla qabu; simbirroonnis manʼee qabu; Ilmi Namaa garuu iddoo itti mataa isaa irkifatu illee hin qabu" jedhe.

59 Nama biraatiinis, "Na duukaa buʼi!" jedhe.

Namichi garuu, "Yaa Gooftaa, dura akka ani dhaqee abbaa koo awwaalladhu naa eeyyami" jedhee deebise.

60 Yesuusis, "Warri duʼan duʼaa isaanii haa awwaallatan; ati garuu dhaqiitii mootummaa Waaqaa lallabi" jedheen.

61 Ammas namni biraa, "Yaa Gooftaa, anis si duukaa nan buʼa; garuu dura akka ani dhaqee maatii kootti nagaa dhaamadhu naa eeyyami" jedhe.

62 Yesuusis deebisee, "Namni harkaan hordaa qabatee of duuba ilaalu kam iyyuu mootummaa Waaqaatiif hin malu" jedhe.

Veja também