21 Taʼus ani waan kana nan qalbeeffadha;
kanaafuu ani abdii qaba.
22 Nu sababii jaalala Waaqayyoo guddaa sanaatiif hin badnu;
gara laafinni isaa hin dhumuutii.
23 Isaan ganama hunda haaraa dha;
amanamummaan kees guddaa dha.
24 Anis, "Waaqayyo qooda koo ti;
kanaafuu ani isa nan eeggadha" ofiin nan jedha.
25 Waaqayyo warra isa abdataniif,
kanneen isa barbaadaniif gaarii dha;
26 Fayyisuu Waaqayyoo
calʼisanii eeggachuun gaarii dha.