Yesuus Ijoollee Eebbisuu Isaa
13 Namoonni akka inni harka isaan irra kaaʼuuf ijoollee xixinnoo Yesuusitti fidaa turan; barattoonni garuu isaan ifatan. 14 Yesuus yommuu waan kana argetti aaree akkana isaaniin jedhe; "Ijoolleen xixinnoon gara koo haa dhufaniitii hin dhowwinaa; mootummaan Waaqaa kan warra akkanaatii.