Kadhaa Yaaqoobii fi Yohannis
35 Ilmaan Zabdewoos jechuunis Yaaqoobii fi Yohannis gara Yesuus dhufanii, "Yaa Barsiisaa, akka ati waan nu si kadhannu kam iyyuu nuu gootu barbaanna" jedhan.
36 Innis, "Akka ani maal isiniif godhu barbaaddu?" jedheen.
37 Isaanis deebisanii, "Yeroo ulfina keetiitti, tokkoon keenya mirga keetiin, tokkoon keenya immoo bitaa keetiin akka teenyuuf nuuf eeyyami" jedhanii deebisan.