Pular para o conteúdo
Publicidade

Marcos 10

4 Isaanis, "Namni tokko akka waraqaa ragaa hiikkaa barreesseefii niitii isaa hiiku Museen eeyyameera" jedhan.

5 Yesuusis akkana jedhee deebise; "Museen sababii mata jabina keessaniitiif jedhee seera kana isiniif barreesse. 6 Jalqaba uumamaatii kaasee garuu Waaqni, Dhiiraa fi dubartii isaan taasise.10:6 Uma 1:27 7 Kanaafis namni abbaa isaatii fi haadha isaa ni dhiisa; niitii isaa wajjinis tokko taʼa; 8 lamaan isaanii iyyuu foon tokko ni taʼu.10:8 Uma 2:24 Egaa isaan siʼachi foon tokko malee lama miti. 9 Kanaafuu waan Waaqni tokko taasise namni gargar hin baasin."

Veja também