Yesuus Mana Qulqullummaa Qulqulleessuu Isaa
12 Guyyaa itti aanutti utuu Biitaaniyaadhaa baʼanuu Yesuus beelaʼe. 13 Innis muka harbuu baala qabu tokko fagootti argee ija qabaachuu fi qabaachuu baachuu isaa ilaaluu dhaqe. Garuu waan yeroon sun waqtii harbuu hin taʼiniif inni yommuu muka sana bira gaʼetti baala malee waa tokko illee hin arganne. 14 Yesuusis muka sanaan, "Namni tokko iyyuu deebiʼee ija sirraa hin nyaatin" jedhe. Barattoonni isaas ni dhagaʼan.