Pular para o conteúdo
Publicidade

Marcos 3

22 Barsiistonni seeraa warri Yerusaalemii gad buʼan, "Inni Biʼeelzebuuliin qabameera! Hangafa hafuurota hamootiin hafuurota hamoo baasaa jira" jedhan.

23 Yesuus immoo ofitti isaan waamee akkana jedhee fakkeenyaan isaanitti dubbate: "Seexanni akkamitti Seexana baasuu dandaʼa? 24 Mootummaan tokko yoo gargar of qoode, mootummaan sun dhaabachuu hin dandaʼu. 25 Manni tokko yoo gargar of qoode, manni sun dhaabachuu hin dandaʼu. 26 Seexannis yoo gargar of qoode, inni dhaabachuu hin dandaʼu; dhumni isaa gaʼeeraatii. 27 Dhugumaan namni kam iyyuu utuu duraan dursee nama jabaa tokko hin hidhin, mana nama jabaa sanaa seenee qabeenya isaa saamuu hin dandaʼu. Ergasii inni mana namicha jabaa sanaa saamuu dandaʼa. 28 Ani dhuguma isinittin hima; cubbuun isaanii hundii fi arrabsoon isaan dubbatan hundi namootaaf dhiifamuu ni dandaʼa; 29 namni Hafuura Qulqulluu arrabsu kam iyyuu garuu gonkumaa dhiifama hin argatu; inni itti gaafatamaa cubbuu bara baraa ti."

30 Yesuusis sababii isaan, "Inni hafuura xuraaʼaa qaba" jechaa turaniif waan kana dubbate.

Veja também