Yesuus Nama Hafuura Hamaan Qabame Tokko Fayyise
1 Isaanis galaanicha ceʼanii biyya Gergeesenoon dhaqan. 2 Yommuu Yesuus bidiruu irraa buʼetti, yommusuma namichi hafuura xuraaʼaadhaan qabame tokko iddoo awwaalaatii baʼee isatti dhufe. 3 Namichi kun iddoo awwaalaa jiraata ture; namni tokko iyyuu foncaan illee lammata isa hidhuu hin dandeenye. 4 Inni yeroo baayʼee funyoo sibiilaatii fi foncaadhaan hidhama ture; garuu foncaa sana kukkutee funyoo sibiilaa sanas caccabsa tureetii. Namni gad isa qabuu dandaʼu tokko iyyuu hin turre. 5 Innis yeroo hundumaa, halkanii guyyaa iddoo awwaalaa keessattii fi gaarran gubbaatti iyyaa, dhagna isaas dhagaadhaan murmuraa ture.
6 Innis yommuu Yesuusin fagootti argetti itti fiigee, fuula isaa duratti jilbeenfate. 7 Sagalee ol fudhatee iyyees, "Yaa Yesuus Ilma Waaqa Waan Hundaa Olii, ati maal narraa barbaadda? Maqaa Waaqaatiin sin kadhadhaatii maaloo na hin dhiphisin!" jedheen. 8 Yesuusis, "Yaa hafuura xuraaʼaa, namicha kana keessaa baʼi!" jedheenii tureetii.
9 Yesuusis, "Maqaan kee eenyu?" jedhee isa gaafate.
Innis, "Nu waan baayʼee taaneef, maqaan koo Leegewoon5:9 Leegewooniin Roomaa tokkichi loltoota 6,000 qabata." jedhee deebise. 10 Akka inni biyya sana keessaa isaan hin ariineefis guddisee Yesuusin kadhate.
11 Hoomaan booyyee guddaan isaas gaara bira dheedaa ture. 12 Hafuuronni hamoon sunis, "Gara hoomaa booyyee sanaatti nu ergi; akka itti galluufis nuu eeyyami" jedhanii Yesuusin kadhatan. 13 Innis ni eeyyameef; hafuuronni xuraaʼoon sun baʼanii booyyee sanatti galan. Hoomaan gara booyyee kuma lamaa of keessaa qabu sunis ededa hallayyaa irraa gad furguggifamee galaanatti namʼee liqimfame.
14 Warri booyyeewwan tiksan sunis baqatanii magaalaa fi baadiyyaatti waan kana odeessan; namoonnis waan taʼe sana ilaaluu yaaʼan. 15 Isaanis yommuu gara Yesuus dhufanitti namicha Leegewoonii hafuurota hamootiin qabamee ture sana wayyaa uffatee, qalbii isaattis deebiʼee achi taaʼee argan; ni sodaatanis. 16 Warri waan kana arganii turanis waan namicha hafuurota hamoon qabamee ture sanaaf taʼee fi waaʼee hoomaa booyyees namootatti odeessan. 17 Kana irratti jarri akka Yesuus biyya isaanii keessaa baʼuuf isa kadhachuu jalqaban.
18 Utuu Yesuus bidiruu yaabbachaa jiruu namichi hafuura hamaan qabamee ture sun isa wajjin deemuuf isa kadhate. 19 Yesuus garuu, "Gara mana keetii, warra keetti galiitii waan guddaa Gooftaan siif godhee fi akkamitti akka inni si maares isaanitti odeessi!" jedheen malee hin eeyyamneef. 20 Kanaafuu namichi sun dhaqee waan Yesuus isaaf godhe Magaalaa Kurnan keessatti odeessuu jalqabe. Namoonni hundinuus ni dinqifatan.