22 Hooggantoota mana sagadaa keessaas namichi Yaaʼiiros jedhamu tokko dhufe; innis yommuu Yesuusin argetti, miilla isaa irratti kufee, 23 "Intalli koo xinnoon duʼuu geesseerti. Akka isheen fayyitee jiraattuuf, maaloo kottuutii harka kee ishee irra kaʼi" jedhee jabeessee isa kadhate. 24 Kanaafuu Yesuus isa wajjin dhaqe.
Namoonni baayʼeenis isa duukaa buʼan; gara isaattis wal dhiibaa turan.