25 Dubartiin dhiigni ishee waggaa kudha lama dhangalaʼaa ture tokkos achi turte. 26 Isheenis ogeeyyii fayyaa baayʼee biratti akka malee dhiphatte; waan qabdu hundumas of harkaa fixxe; garuu ittuma hammaachaa deeme malee itti hin wayyoofne. 27 Isheenis yommuu waaʼee Yesuus dhageessetti dugda isaa duubaan namoota gidduudhaan dhuftee uffata isaa tuqxe. 28 Isheen, "Ani yoon uffatuma isaa illee tuqe nan fayya" jettee yaaddee turteetii. 29 Dhiigni ishees yommusuma cite; isheenis akka dhiphina ishee irraa fayyite dhagna ishee keessatti hubatte.