Yesuus Namoota Kuma Shan Sooruu Isaa
30 Ergamoonnis Yesuus biratti walitti qabamanii waan hojjetanii turanii fi waan barsiisanii turan hunda isatti himan. 31 Innis, "Kophaa keessan gara iddoo namni hin jirre tokkoo kottaatii takka boqodhaa" jedheen; isaan sababii namoonni baayʼeen dhufaa, deemaas turaniif carraa itti waa nyaatan illee hin qaban tureetii.
32 Isaanis kophaa isaanii bidiruudhaan iddoo namni hin jirre tokko dhaqan. 33 Namoonni deemuu isaanii argan baayʼeen garuu isaan beekan; magaalaawwan hunda keessaa baʼanii miillaan fiiganii isaan dursanii iddoo sana gaʼan. 34 Yesuus yommuu bidiruu irraa buʼetti tuuta guddaa tokko arge; innis sababii isaan akkuma hoolota tiksee hin qabnee turaniif garaa laafeef. Kanaafuu inni waan baayʼee isaan barsiisuu jalqabe.
35 Yeroo kanatti galgalaaʼee ture; kanaafuu barattoonni isaa gara isaa dhufanii akkana jedhaniin; "Iddoon kun gammoojjii dha; aduunis dhiiteerti. 36 Akka isaan gara baadiyyaatii fi gandoota naannoo kana jiranii dhaqanii waan nyaatan bitataniif namoota kanneen gad dhiisi."
37 Inni garuu, "Isinuu waan isaan nyaatan kennaafii" jedhee deebise.
Isaanis, "Dhaqnee buddeena diinaarii dhibba lamaa binnee akka nyaataniif isaaniif kenninuu ree?" jedhaniin.
38 Innis, "Buddeena meeqa qabdu? Mee dhaqaa ilaalaa!" jedheen.
Isaanis yommuu arganitti, "Buddeena shanii fi qurxummii lama" jedhan.
39 Yesuusis akka isaan namoota hundumaa garee gareedhaan marga lalisaa irra teteessisan isaan ajaje. 40 Kanaafuu namoonni dhibba dhibbaa fi shantama shantamaan garee gareedhaan tataaʼan. 41 Innis buddeena shananii fi qurxummii lamaan sana fuudhee, gara samii ol ilaalee galata galchee buddeena sana caccabse. Akka isaan namootaaf dhiʼeessaniifis barattoota isaatti kenne. Qurxummii lamaanis hunduma isaaniitiif qoqqoode. 42 Isaan hundi nyaatanii quufan; 43 barattoonnis hurraaʼaa buddeenaatii fi qurxummii gundoo kudha lama guutuu walitti qaban. 44 Warri nyaatanis dhiira kuma shan turan.