Pular para o conteúdo
Publicidade

Maatewos 1

22 Kun hundinuu akka wanni Gooftaan karaa raajichaatiin dubbate sun raawwatamuuf taʼe. 23 Innis, "Kunoo, durbi tokko ni ulfoofti; ilma ni deessi; maqaa isaas Amaanuʼel jedhu"1:23 Isa 7:14 jedha. Amaanuʼel jechuunis, "Waaqni nu wajjin jira" jechuu dha.

24 Yoosefis hirribaa dammaqee akkuma ergamaan Gooftaa isa ajajetti Maariyaamin niitummaadhaan mana isaatti fudhate. 25 Garuu inni hamma isheen ilma deessutti ishee bira hin geenye. Maqaa isaas, "Yesuus" jedhee moggaase.

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.

Veja também