Mallattoo Yoonaas
38 Ergasii barsiistonni seeraatii fi Fariisonni tokko tokko, "Yaa barsiisaa, nu mallattoo sirraa arguu barbaanna" jedhaniin.
39 Innis deebisee akkana isaaniin jedhe; "Dhaloonni hamaa fi ejjaan mallattoo barbaada! Garuu mallattoo Yoonaas raajichaa sana malee mallattoon tokko iyyuu hin kennamuuf. 40 Akkuma Yoonaas guyyaa sadii fi halkan sadii garaa qurxummii guddaa tokkoo keessa ture sana, Ilmi Namaas guyyaa sadii fi halkan sadii garaa lafaa keessa ni turaatii.