Pular para o conteúdo
Publicidade

Maatewos 12

Haadhaa fi Obboloota Yesuus

46 Utuu Yesuus amma iyyuu namootatti dubbachaa jiruu kunoo, haatii fi obboloonni isaa isa wajjin haasaʼuu barbaadanii ala dhadhaabachaa turan. 47 Namni tokkos, "Haati keetii fi obboloonni kee si wajjin haasaʼuu barbaadanii ala dhadhaabatu" jedhee isatti hime.

48 Innis deebiseefii, "Haati koo eenyu? Obboloonni koos eenyu faʼi?" jedheen. 49 Harka isaas gara barattoota isaatti qabee akkana jedhe; "Haati kootii fi obboloonni koo kunoo ti. 50 Namni fedhii Abbaa koo isa samii irraa guutu kam iyyuu obboleessa koo ti; obboleettii koo ti; haadha kootis."

Veja também