Pular para o conteúdo
Publicidade

Mateus 16

Phexros Eenyummaa Kiristoos Beeksise

13 Yesuus yeroo gara biyya Fiiliphoos Qiisaariyaa dhufetti, "Namoonni Ilma Namaatiin eenyu jedhu?" jedhee barattoota isaa gaafate.

14 Isaanis, "Namoonni tokko tokko inni Yohannis Cuuphaa dha jedhu; warri kaan inni Eeliyaas jedhu; kaan immoo inni Ermiyaas yookaan raajota keessaa isa tokko dha jedhu" jedhanii deebisan.

15 Innis, "Isin hoo? Eenyu anaan jettu?" jedhee gaafate.

16 Simoon Phexrosis, "Ati Kiristoos, Ilma Waaqa jiraataa ti" jedhee deebise.

Veja também