Bifti Yesuus Geeddaramuu Isaa
1 Yesuus guyyaa jaʼa booddee Phexrosin, Yaaqoobii fi Yohannis obboleessa Yaaqoob fudhatee kophaa isaanii tulluu dheeraa tokkotti ol baase. 2 Innis achitti fuula isaanii duratti geeddarame. Fuulli isaa akka aduu ife; uffanni isaas akkuma ifaa addaate. 3 Kunoo Musee fi Eeliyaas utuu Yesuus wajjin haasaʼanuu isaanitti mulʼatan.
4 Phexrosis Yesuusiin, "Yaa Gooftaa, as jiraachuun nuuf gaarii dha. Yoo fedhii kee taʼe, ani daasii sadii jechuunis tokko siif, tokko Museef, tokko immoo Eeliyaasiif asitti nan ijaara" jedhe.
5 Utuma inni dubbachaa jiruu kunoo, duumessi ifaan tokko isaan haguuge; duumessicha keessaas sagaleen tokko, "Kun Ilma koo isa ani jaalladhuu dha; ani isatti baayʼee nan gammada. Isinis isa dhagaʼaa!" jedhe.