Pular para o conteúdo
Publicidade

Mateus 19

23 Yesuusis barattoota isaatiin akkana jedhe; "Ani dhuguma isinittin hima; mootummaa samiitti galuun nama sooressaaf rakkisaa dha. 24 Ammas isinittin hima; namni sooressi mootummaa Waaqaatti galuu irra qaawwa lilmoo keessa baʼuutu gaalaaf salphata."

25 Barattoonni yommuu waan kana dhagaʼanitti akka malee raajeffatanii, "Yoos eenyutu fayyuu dandaʼa ree?" jedhanii gaafatan.

26 Yesuusis isaan ilaalee, "Kun namaaf hin dandaʼamu; Waaqaaf garuu wanni hundinuu ni dandaʼama" jedhe.

Veja também