3 Heroodis Mootichi yommuu waan kana dhagaʼetti ni jeeqame; Yerusaalemis guutummaatti isa wajjin jeeqamte. 4 Innis luboota hangafootaa fi barsiistota seeraa hunda saba keessaa walitti qabee, Kiristoos eessatti akka dhalatu isaan gaafate. 5,6 Isaanis akkana jedhanii deebisaniif; "Beetlihem Yihuudaatti dhalata; kunis dubbii raajichi,
" ‘Yaa Beetlihem ishee biyya Yihuudaa,
ati gonkumaa bulchitoota Yihuudaatii gad miti;
bulchaan saba koo Israaʼelin tiksu
si keessaa ni baʼaatii’2:6 Mik 5:2,4
jedhee barreesse sanaa dha."
7 Ergasii Heroodis beektota sana dhoksaatti waamee yeroo itti urjiin sun mulʼate isaan irraa hubate. 8 Innis, "Dhaqaatii jabeessaa mucicha barbaadaa. Yeroo argitanitti immoo akka anis dhufee isaaf sagaduuf natti himaa" jedhee Beetlihemitti isaan erge.