Mukni Harbuu Goguu Isaa
18 Yesuus ganama barii utuu gara magaalattiitti deebiʼuu beelaʼe. 19 Muka harbuu tokkos karaa biratti argee itti gore; garuu baala malee waa tokko illee hin arganne. Innis, "Iji bara baraan sirratti hin argamin!" jedheen. Mukni sunis yeruma sana goge.
20 Barattoonnis yommuu waan kana arganitti ni dinqisiifatan. Isaanis, "Harbuun sun akkamitti yommusuma goge?" jedhanii gaafatan.
21 Yesuusis akkana jedhee deebise; "Ani dhuguman isinitti hima; yoo amantii qabaattan, yoo mamuu baattanis, waan muka harbuu sana irratti taʼe qofa utuu hin taʼin, tulluu kanaan illee, ‘Kaʼi! Galaanatti darbatami!’ yoo jettan ni taʼa. 22 Isin yoo amantii qabaattan waan kadhannaadhaan gaafattan hunda ni argattu."