Pular para o conteúdo
Publicidade

Mateus 26

Marii Yesuusitti Mariʼatame

1 Yesuus erga waan kana hunda dubbatee raawwatee booddee barattoota isaatiin akkana jedhe; 2 "Akkuma isin beektan Faasiikaaf guyyaa lamatu hafa; Ilmi Namaas fannifamuuf dabarfamee ni kennama."

3 Ergasii luboonni hangafoonnii fi maanguddoonni uummataa dallaa luba ol aanaa isa Qayyaaffaa jedhamuu keessatti walitti qabaman. 4 Isaanis haxxummaadhaan Yesuusin qabuu fi ajjeesuuf mariʼatan. 5 Isaanis, "Garuu akka namoota gidduutti gooliin hin kaaneef yeroo ayyaanaatti hin taʼin" jedhan.

Yesuus Biitaaniyaatti Shittoo Dibamuu Isaa

6 Utuu Yesuus Biitaaniyaa keessa mana Simoon isa lamxaaʼaa sanaa jiruu, 7 dubartiin tokko shittoo gatiin isaa akka malee guddaa taʼe bilqaaxxii albaasxiroositti qabattee gara isaa dhufte; akkuma inni maaddiitti dhiʼaateenis shittoo sana mataa isaatti dhangalaafte.

8 Barattoonnis yommuu waan kana arganitti aaranii akkana jedhan; "Waan kana balleessuun maaliif? 9 Silaa shittoon kun gatii guddaatti gurguramee maallaqa isaa hiyyeeyyiif kennuun ni dandaʼama tureetii."

10 Yesuusis kana hubatee akkana isaaniin jedhe; "Isin maaliif dubartii kana rakkiftu? Isheen waan gaarii naaf gooteerti. 11 Hiyyeeyyii yeroo hunda of biraa qabdu; ana garuu yeroo hunda of biraa hin qabdan. 12 Dubartiin kun yommuu shittoo kana dhagna koo irrati dhangalaaftetti awwaalaaf na qopheessuudhaaf waan kana goote. 13 Ani dhuguma isinittin hima; addunyaa hunda irratti, iddoo wangeelli kun itti lallabamu kamitti iyyuu wanni isheen gootes yaadannoo isheetiif ni odeeffama."

Yihuudaan Yesuusin Dabarsee Kennuuf Walii Galuu Isaa

14 Ergasiis warra Kudha Lamaan keessaa namichi Yihuudaa Keeriyotii jedhamu tokko gara luboota hangafootaa dhaqee, 15 "Yoo ani isa dabarsee isinitti kenne isin maal naaf kennitu?" jedhee gaafate. Isaanis meetii soddomaan walii galan. 16 Yihuudaanis yeroo sanaa jalqabee Yesuusin dabarsee kennuuf haala mijaaʼaa eeggachaa ture.

Irbaata Gooftaa

17 Guyyaa jalqaba Ayyaana Maxinootti barattoonni gara Yesuus dhufanii, "Akka ati Faasiikaa nyaattuuf eessatti akka siif qopheessinu barbaadda?" jedhanii gaafatan.

18 Innis deebisee akkana jedhe; "Magaalaa seenaatii nama wayiitiin, Barsiisaan, yeroon koo gaʼeera; ani barattoota koo wajjin Ayyaana Faasiikaa mana keetti nan kabaja siin jedhajedhaa." 19 Barattoonnis akkuma Yesuus isaan ajaje sana godhan; Faasiikaas ni qopheessan.

20 Yesuusis yommuu galgalaaʼetti warra Kudha Lamaan wajjin maaddiitti dhiʼaate. 21 Innis utuma nyaachaa jiranuu, "Ani dhuguma isinitti nan hima; isin keessaa tokko dabarsee na kenna" jedhe.

22 Isaanis akka malee gaddanii tokko tokkoon, "Yaa Gooftaa, na taʼinnaa laata?" jedhanii gaafachuu jalqaban.

23 Yesuusis akkana jedhee deebise; "Namichi na wajjin gabatee keessa harka kaaʼee cuuphate dabarsee na kenna. 24 Ilmi Namaa akkuma waaʼeen isaa barreeffame sanatti ni deema. Garuu namicha dabarsee Ilma Namaa kennu sanaaf wayyoo! Inni utuu dhalachuu baatee isaaf wayya ture."

25 Yihuudaan inni dabarsee isa kennuuf jiru sunis, "Yaa Barsiisaa, na taʼinnaa laata?" jedhe.

Yesuusis, "Atuu jette kaa!" jedhee deebise.

26 Utuu nyaachaa jiranuus Yesuus buddeena fuudhee eebbise; caccabsees, "Fudhadhaa nyaadhaa; kun foon koo ti" jedhee barattoota isaatiif kenne.

27 Xoofoos fuudhee galata galchee isaaniif kenne; akkanas jedhe; "Hundi keessan kana irraa dhugaa. 28 Kun dhiiga koo, dhiiga kakuu haaraa kan dhiifama cubbuu namoota baayʼeetiif dhangalaafamuu dha.

Veja também