2 Kunoo, sababii ergamaan Gooftaa samii irraa gad buʼee gara awwaalaa dhaqee balbala awwaalaa irraa dhagaa sana garagalchee irra taaʼeef, sochiin lafaa guddaan taʼe. 3 Bifti isaa ifaa akka bakakkaa, uffanni isaa immoo adii akka cabbii ture. 4 Waardiyyoonni sunis sababii isa sodaataniif hollatanii akkuma nama duʼee taʼan.