Pular para o conteúdo
Publicidade

Maatewos 3

Lallaba Yohannis Cuuphaa

1 Bara sana Yohannis Cuuphaan gammoojjii Yihuudaa keessatti lallabaa dhufe; 2 innis, "Mootummaan samii dhiʼaateeraatii qalbii jijjiirradhaa" jedhe. 3 Kunis isa waaʼeen isaa karaa Isaayyaas raajichaatiin,

"Sagalee nama, ‘Gooftaadhaaf karaa qopheessaa;

daandii qajeelaas isaaf hojjedhaa’

jedhee gammoojjii keessaa iyyu tokkoo"3:3 Isa 40:3

jedhamee dubbatame sanaa dha.

4 Uffanni Yohannis rifeensa gaalaa irraa hojjetame; innis mudhii isaatti sabbata teephaa hidhata ture. Nyaanni isaa immoo hawwaannisaa fi damma bosonaa ture. 5 Namoonnis Yerusaalem irraa, Yihuudaa hundaa fi biyya naannoo Yordaanos guutuu irraa gara isaa dhaqaa turan. 6 Cubbuu isaaniis himachaa, Laga Yordaanos keessatti isaan cuuphamaa turan.

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.

Veja também