16 Yesuusis akkuma cuuphameen bishaan keessaa ol baʼe. Innis yommusuma samiin banamee, utuu Hafuurri Waaqaa akkuma gugeetti gad buʼee isa irras qubatuu arge. 17 Sagaleen tokkos samii irraa, "Kun Ilma koo isa ani jaalladhuu dha; isatti baayʼee nan gammada" jedhe.
Publicidade