Yesuus Qoramuu Isaa
1 Ergasii Yesuus akka diiyaabiloosiin qoramuuf Hafuuraan gammoojjiitti geeffame. 2 Innis erga guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama soomee booddee ni beelaʼe. 3 Inni nama qoru sun gara isaa dhufee, "Ati yoo Ilma Waaqaa taate, akka dhagoonni kunneen buddeena taʼan ajaji" jedheen.
4 Yesuus immoo deebisee, " ‘Namni dubbii afaan Waaqayyootii baʼu hundaan malee buddeena qofaan hin jiraatu’4:4 KeD 8:3 jedhamee barreeffameera" jedheen.
5 Ergasii diiyaabiloos gara magaalaa qulqulluutti isa geessee fiixee mana qulqullummaa irra dhaabachiise. 6 Akkanas jedheen; "Ati yoo Ilma Waaqaa taate, gad of darbadhu. Akkana jedhamee barreeffameeraatii:
" ‘Inni ergamoota isaa siif ni ajaja;
isaanis akka ati miilla keetiin dhagaatti hin buuneef,
harka isaaniitiin ol si fuudhu.’4:6 Far 91:11,12"
7 Yesuus immoo deebisee, " ‘Waaqa kee Goofticha hin qorin’4:7 KeD 6:16 jedhamee barreeffameera" jedheen.
8 Ammas diiyaabiloos tulluu akka malee ol dheeraa tokkotti ol isa baasee mootummoota addunyaa hundaa fi ulfina isaanii isatti argisiise. 9 Akkanas jedheen; "Yoo ati gad jettee naaf sagadde, waan kana hundumaa siifin kenna."
10 Yesuusis, "Seexana nana, narraa fagaadhu! ‘Waaqa kee Gooftichaaf sagadi; isuma qofa tajaajili’4:10 KeD 6:13 jedhamee barreeffameeraatii" jedheen.
11 Diiyaabiloosis isa dhiisee deeme; ergamoonni immoo dhufanii isa tajaajilan.