19 Kanaafuu namni ajajawwan kanneen keessaa xinnaa isaa illee diigu, kan akka warri kaanis diiganiif barsiisu kam iyyuu mootummaa samii keessatti xinnaa jedhama; namni ajajawwan kanneen eeguu fi kan warra kaanis barsiisu kam iyyuu garuu mootummaa samii keessatti guddaa jedhama.