Pular para o conteúdo
Publicidade

Mateus 8

Yesuus Namoota Hafuura Hamaan Qabaman Fayyisuu Isaa

28 Yommuu Yesuus gama ceʼee biyya Gadareen gaʼetti, namoonni hafuura hamaan qabaman lama iddoo awwaalaatii baʼanii itti dhufan. Isaanis waan akka malee hamoo turaniif namni tokko iyyuu karaa sana irra darbuu hin dandaʼu ture. 29 Isaanis, "Yaa Ilma Waaqaa, ati maal nurraa barbaadda? Utuu yeroon sun hin gaʼin nu dhiphisuu dhufte moo?" jedhanii iyyan.

30 Hoomaan booyyee guddaan isaas xinnoo isaan irraa fagaatee dheedaa ture. 31 Hafuuronni hamoon sunis, "Yoo nu baafte, gara hoomaa booyyee sanaatti nu ergi" jedhanii Yesuusin kadhatan.

32 Innis, "Dhaqaa!" jedheen. Isaanis namicha keessaa baʼanii hoomaa booyyee sanatti galan; hoomaan sun guutuunis ededa hallayyaa irraa gad gugatee galaanatti namʼee bishaan keessatti dhume. 33 Warri booyyeewwan tiksan sunis baqatanii magaalaa seenan; isaanis waan hunda, waan namoota hafuurota hamoon qabamanii turan irra gaʼes ni odeessan. 34 Magaalaan sun guutuunis Yesuusin arguuf baʼe. Yommuu isa argettis akka inni biyya isaanii keessaa baʼuuf isa kadhate.

Veja também