Yesuus Jaamota Lama Fayyisuu Isaa
27 Yesuus utuu achii kaʼee deemaa jiruu, jaamonni lama isa duukaa buʼanii, "Yaa Ilma Daawit nu maari!" jedhanii iyyan.
28 Yommuu inni mana seenettis jaamonni sun gara isaa dhufan; innis, "Akka ani waan kana gochuu dandaʼu ni amantuu ree?" jedhee isaan gaafate.
Isaanis, "Eeyyee, yaa Gooftaa!" jedhanii deebisaniif.
29 Yesuusis ija isaanii qaqqabee, "Akkuma amantii keessanii isiniif haa taʼu" jedheen. 30 Iji isaaniis ni baname. Yesuusis, "Akka namni tokko iyyuu waan kana hin beekne of eeggadhaa" jedhee jabeessee isaan akeekkachiise. 31 Jarri garuu achii baʼanii biyya sana hunda keessatti waaʼee isaa odeessan.