Deebisanii Ijaaruu Irratti Mormiin Kaʼuu Isaa
1 Sanbalaaxi akka nu dallaa kana deebifnee ijaaraa jirru dhageenyaan aariin gubatee dheekkame. Innis Yihuudootatti qoosee 2 fuula obboloota isaa fi fuula loltoota Samaariyaa duratti akkana jedhe; "Yihuudoonni dadhaboonni kunneen maal hojjechaa jiru? Isaan dallaa isaanii deebisanii ijaaruu? Aarsaa illee ni dhiʼeessuu? Guyyaa tokko keessatti ni fixuu? Isaan waan akkas gubamee tuulame keessaa dhagaa fuudhanii akka duriitti deebisuu dandaʼuu?"
3 Xoobbiyaan namichi Amoon kan isa bira dhaabate sunis, "Waan isaan ijaaraa jiran kana, dallaa isaanii kan dhagaa kana waangoon iyyuu yoo yaabde ni jigsiti!" jedhe.
4 Yaa Waaqa keenya nu dhagaʼi; nu tuffatamneerraatii. Arraba isaan nu arrabsan matuma isaaniitti deebisi. Boojuudhaaf dabarsii biyya ormaatti isaan kenni. 5 Sababii isaan fuula ijaartotaa duratti dheekkamsaaf si kakaasaniif yakka isaanii hin dhoksiniif yookaan cubbuu isaanii fuula kee duraa hin haqiniif.
6 Nu akkasiin dallaa sana hamma inni walakkaa dheerina isaa gaʼutti deebifnee ijaarre; namoonni garaa tokkoon hojjechaa turaniitii.