2 Sanbalaaxii fi Gesheem, "Kottu mee gandoota dirree Oonoo irra jiran keessaa isa tokko keessatti wal arginaa" jedhanii ergaa kana natti ergan.
Isaan garuu na miidhuuf malachaa turan; 3 kanaafuu ani akkana jedhee ergamoota isaanittin erge; "Ani waan hojii guddaa hojjechaa jiruuf gad buʼuu hin dandaʼu. Yeroo ani hojii dhiisee gara keessanitti gad buʼuutti hojiin maaliif dhaabata?" 4 Isaan ergaadhuma tokko siʼa afur natti ergan; anis siʼa afranuu deebiidhuma tokkon kenneef.
6 Xalayichis akkana jedha:
"Akka atii fi Yihuudoonni finciluu barbaaddan uummata keessatti odeeffameera; Gesheemis kanuma mirkaneessa. Wanni isin dallaa ijaartaniifis kanuma; akka oduu kanaatti ati mootii isaanii taʼuu barbaadda;
8 Kana irratti ani, "Wanni akka waan ati dubbattu kanaa tokko illee hin hojjetamne; ati matuma kee keessaa fuutee dubbattaa" jedheen deebiseef.
9 Isaan hundi, "Harki jara kanaa hojii hojjechuu ni dadhaba; hojiin kunis hin dhumu" jedhanii yaaduudhaan nu sodaachisuu yaalaa turan.
Ani garuu, "Amma harka koo naa jajjabeessi" jedheen Waaqa kadhadhe.