Izraan Seera Dubbise
1 Yeroo jiʼi torbaffaan gaʼee Israaʼeloonni magaalaawwan ofii isaanii keessa qubatanitti, uummanni hundinuu akkuma nama tokkootti oobdii Karra Bishaanii duratti walitti qabame. Isaanis akka inni Kitaaba Seera Musee kan Waaqayyo Israaʼeliif ajaje sana fiduuf Izraa barsiisaa seeraa sanatti himan.
2 Kanaafuu Izraan lubichi guyyaa jalqaba jiʼa torbaffaatti fuula waldaa dhiiraa fi dubartii warra waa hubachuu dandaʼan hundaa duratti Seera sana fide. 3 Innis barii ganamaa jalqabee hamma saafaatti gara oobdii Karra Bishaaniin duratti garagalee fuula dhiirotaa, dubartootaa fi namoota waa hubachuu dandaʼan kaanii duratti sagalee isaa ol fudhatee seera sana dubbise. Uummanni hundis kitaaba Seeraa sana qalbeeffatee dhaggeeffate.
8 Isaanis akka sabni waan dubbifame sana hubatuuf Kitaaba Seera Waaqaa keessaa dubbisanii ibsuudhaan hiikkaa isaa kennaa turan.
18 Izraanis guyyaa jalqabaatii hamma guyyaa dhumaatti guyyuma guyyaan Kitaaba Seera Waaqaa keessaa dubbise. Isaanis guyyaa torba ayyaana sana ayyaaneffatanii guyyaa saddeettaffaatti immoo akkuma seeraatti yaaʼii guddaa godhatan.