Pular para o conteúdo
Publicidade

Nahimiyaa 8:1-3,8,18

KQTAB Oromo Contemporary Scriptures

Izraan Seera Dubbise

1 Yeroo jiʼi torbaffaan gaʼee Israaʼeloonni magaalaawwan ofii isaanii keessa qubatanitti, uummanni hundinuu akkuma nama tokkootti oobdii Karra Bishaanii duratti walitti qabame. Isaanis akka inni Kitaaba Seera Muusaa kan Rabbii Allaahan Israaʼeliif ajaje sana fiduuf Izraa barsiisaa seeraa sanatti himan.

2 Kanaafuu Izraan lubichi guyyaa jalqaba jiʼa torbaffaatti fuula waldaa dhiiraa fi dubartii warra waa hubachuu dandaʼan hundaa duratti Seera sana fide. 3 Innis barii ganamaa jalqabee hamma saafaatti gara oobdii Karra Bishaaniin duratti garagalee fuula dhiirotaa, dubartootaa fi namoota waa hubachuu dandaʼan kaanii duratti sagalee isaa ol fudhatee seera sana dubbise. Uummanni hundis kitaaba Seeraa sana qalbeeffatee dhaggeeffate.

8 Isaanis akka sabni waan dubbifame sana hubatuuf Kitaaba Seera Allaaha keessaa dubbisanii ibsuudhaan hiikkaa isaa kennaa turan.

18 Izraanis guyyaa jalqabaatii hamma guyyaa dhumaatti guyyuma guyyaan Kitaaba Seera Allaaha keessaa dubbise. Isaanis guyyaa torba ayyaana sana ayyaaneffatanii guyyaa saddeettaffaatti immoo akkuma seeraatti yaaʼii guddaa godhatan.

Em outras traduções

  1. ONOCV New Oromo Contemporary Version

    1 ዬሮ ጅእ ቶርበፋን ገኤ እስራኤሎን መጋላወን ኦፊሳኒ ኬሰ ቁበተንት፣ ኡመትን ሁንድኑ አኩመ ነመ ቶኮት ኦብዲ ከረ ብሻኒ ዱረት ወልት ቀበሜ። እሳንስ አከ እን ክታበ ሴረ ሙሴ ከን ዋቀዮ እስራኤሊፍ አጀጄ ሰነ ፍዱፍ እዝራ በርሲሳ ሴራ ሰነት ህመን።

    2 ከናፉ እዝራን ሉብች ጉያ ጀልቀበ ጅአ ቶርበፋት ፉለ ወልዳ ዺራፊ ዱበርቲ ወረ ዋ ሁበቹ ደንደአን ሁንዳ ዱረት ሴረ ሰነ ፍዴ። 3 እንስ በሪ ገነማ ጀልቀቤ ሀመ ሳፋት ገረ ኦብዲ ከረ ብሻኒን ዱረት ገረገሌ ፉለ ዺሮታ፣ ዱበርቶታፊ ነሞተ ዋ ሁበቹ ደንደአን ካኒ ዱረት ሰገሌሳ ኦል ፉዸቴ ሴረ ሰነ ዱብሴ። ኡመትን ሁንድስ ክታበ ሴራ ሰነ ቀልቤፈቴ ዸጌፈቴ።

    8 እሳንስ አከ ሰብን ዋን ዱብፈሜ ሰነ ሁበቱፍ ክታበ ሴረ ዋቃ ኬሳ ዱብሰኒ እብሱዻን ሂካሳ ኬና ቱረን።

    18 እዝራንስ ጉያ ጀልቀባቲ ሀመ ጉያ ዹማት ጉዩመ ጉያን ክታበ ሴረ ዋቃ ኬሳ ዱብሴ። እሳንስ ጉያ ቶርበ አያነ ሰነ አያኔፈተኒ ጉያ ሰዴተፋትሞ አኩመ ሴራት ያኢ ጉዳ ጎዸተን።

  2. HABH Nova Versão Contemporânea Oromo Aberta, Ocidental

    1 Yeroo jiʼi torbaffaan gaʼee Israaʼeloonni magaalaawwan ofii isaanii keessa qubatanitti, uummanni hundinuu akkuma nama tokkootti oobdii Karra Bishaanii duratti walitti qabame. Isaanis akka inni Kitaaba Seera Musee kan Waaqayyo Israaʼeliif ajaje sana fiduuf Izraa barsiisaa seeraa sanatti himan.

    2 Kanaafuu Izraan lubichi guyyaa jalqaba jiʼa torbaffaatti fuula waldaa dhiiraa fi dubartii warra waa hubachuu dandaʼan hundaa duratti Seera sana fide. 3 Innis barii ganamaa jalqabee hamma saafaatti gara oobdii Karra Bishaaniin duratti garagalee fuula dhiirotaa, dubartootaa fi namoota waa hubachuu dandaʼan kaanii duratti sagalee isaa ol fudhatee seera sana dubbise. Uummanni hundis kitaaba Seeraa sana qalbeeffatee dhaggeeffate.

    8 Isaanis akka sabni waan dubbifame sana hubatuuf Kitaaba Seera Waaqaa keessaa dubbisanii ibsuudhaan hiikkaa isaa kennaa turan.

    18 Izraanis guyyaa jalqabaatii hamma guyyaa dhumaatti guyyuma guyyaan Kitaaba Seera Waaqaa keessaa dubbise. Isaanis guyyaa torba ayyaana sana ayyaaneffatanii guyyaa saddeettaffaatti immoo akkuma seeraatti yaaʼii guddaa godhatan.

Direitos das traduções citadas

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.