Publicidade

Neemias 11

Jiraattota Yerusaalem Warra Haaraa

1 Yeroo sanatti hooggantoonni sabaa Yerusaalem keessa qubatan; warri kaan immoo akka inni Yerusaalem magaalaa qulqulluu sana keessa jiraatuuf nama kudhan keessaa tokko fidachuuf ixaa buufatan; warri hafan sagallan immoo magaalaadhuma ofii isaanii keessatti hafan. 2 Sabnis namoota Yerusaalem keessa jiraachuuf fedhiin of kennan hunda eebbise.

3 Warri kunneen hooggantoota kutaa biyyaa kanneen Yerusaalem keessa qubatanii dha; magaalaawwan Yihuudaa keessa garuu tokkoon tokkoon isaanii qabeenya ofii isaaniitiin magaalaawwan ofii isaanii keessa jiraatan; isaanis: Israaʼeloota, luboota, Lewwota, tajaajiltoota mana qulqullummaa fi sanyiiwwan tajaajiltoota Suleyimaan; 4 ilmaan Yihuudaa fi ilmaan Biniyaam tokko tokko immoo Yerusaalem keessa jiraatan.

Sanyii Yihuudaa Keessaa:

Ataayaa ilma Uziyaa, ilma Zakariyaa, ilma Amariyaa, ilma Shefaaxiyaa, ilma Mahalaleel, sanyii Faares; akkasumas

5 Maʼaseyaa ilma Baaruk, ilma Kol-Hoozee, ilma Hazaayaa, ilma Adaayaa, ilma Yooyaariib, ilma Zakariyaa, sanyii Shelaa.

6 Sanyiin Faares warri Yerusaalem keessa jiraatan walumaa galatti namoota jajjaboo 468 turan.

7 Sanyii Biniyaam keessaa:

Saʼaaluu ilma Meshulaam, ilma Yooʼeed, ilma Phedaayaa, ilma Qolaayaa, ilma Maʼaseyaa, ilma Iitiiʼeel, ilma Yeshaayaa, 8 duukaa buutota isaa Gabayii fi Salaayi; isaan walumatti nama 928 turan.

9 Yooʼeel ilmi Zikrii toʼataa isaanii ture; Yihuudaan ilmi Hasenuuʼaa bulchaa itti aanaa ture.

10 Luboota keessaa:

Yedaaʼiyaa, ilma Yooyaariib, Yaakiin;

11 Seraayaa ilma Hilqiyaa, ilma Meshulaam, ilma Zaadoq, ilma Meraayoot, ilma Ahiixuub, bulchaa mana Allaaha, 12 obboloota isaanii kanneen mana qulqullummaa keessa hojjetan; walumatti dhiira 822 turan.

Adaayaa ilma Yerooham, ilma Phelaaliyaa, ilma Amzii, ilma Zakariyaa, ilma Phaashihuur, ilma Malkiyaatii fi 13 obboloota isaa warra abbootii maatii turan; walumatti dhiira 242 turan.

Amashisaay ilma Azariʼeel, ilma Ahazaayi, ilma Mashileemoot, ilma Imeeriitii fi 14 obboloota isaa namoota jajjaboo; walumatti dhiira 128 turan.

Toʼataan isaanii Zabdiiʼel ilma Hagdoolim ture.

15 Lewwota Keessaa:

Shemaaʼiyaa ilma Hashuub, ilma Azriiqaam, ilma Hashabiyaa, ilma Buunii;

16 hangafoota Lewwotaa keessaa Shaabetaayii fi Yoozaabaad warra hojii mana Allaahatiin alaatti itti gaafatamoo turan.

17 Mataaniyaa ilma Miikaa, ilma Zabdii, ilma Asaaf, namicha yeroo galataatii fi duʼaatti sagantaa qajeelchu sana;

Baqbuqiyaa isa obboloota ofii isaa keessaa lammaffaa ture sana;

Abdaa ilma Shamuuʼaa, ilma Gaalaal, ilma Yeduutuun.

18 Lewwonni magaalaa qulqullittii walumatti 284 turan.

19 Eegdota karraa:

Aquub, Talmoonii fi obboloota isaanii kanneen karra eegan; isaanis walumatti dhiira 172 turan.

20 Israaʼeloonni kaan immoo lubootaa fi Lewwota wajjin magaalaawwan Yihuudaa keessa tokkoon tokkoon isaanii dhaala ofii isaaniitiin jiraatan.

21 Tajaajiltoonni mana qulqullummaa garuu tulluu Oofeel irra jiraatan; Ziihaa fi Gishiphaan immoo ajajjoota isaanii turan.

22 Uuziin ilmi Baanii, ilmi Hashabiyaa, ilmi Mataaniyaa, ilmi Miikaa sun Lewwota Yerusaalem keessa jiraatan irratti qondaala hangafa ture. Uuziin kun sanyiiwwan Asaaf warra faarfattoota itti gaafatamtoota hojii mana Allaaha turan keessaa tokko ture. 23 Faarfattoonni sun ajaja mootichaa kan guyyaa guyyaan hojii isaanii qajeelchu jala turan.

24 Phetaayaan ilmi Mesheezabeel inni sanyiiwwan Zaaraa ilma Yihuudaa keessaa tokko taʼe sun dhimma saba ilaalu hunda keessatti iddoo buʼaa mootichaa ture.

25 Gama gandoota lafa qotiisaa qabaniitiin immoo sabni Yihuudaa tokko tokko Kiriyaati Arbaaqii fi gandoota ishee keessa, Diiboonii fi gandoota ishee keessa, Yeqabziʼeelii fi gandoota ishee keessa, 26 Yeeshuʼaa keessa, Molaadaa keessa, Beet Phelexi keessa, 27 Hazar Shuuʼaal keessa, Bersheebaa fi gandoota ishee keessa, 28 Siiqlaagi keessa, Mekoonaa fi gandoota ishee keessa, 29 Een Rimoon keessa, Zoraa keessa, Yarmuut keessa, 30 Zaanoʼaa keessa, Adulaamii fi gandoota ishee keessa, Laakkiishii fi lafa qotiisaawwan ishee keessa, Azeeqaa fi gandoota ishee keessa qubatan. Kanaafuu isaan Bersheebaa jalqabanii hamma Sulula Hinoomitti jiraatan.

31 Sanyiiwwan Biniyaam Gebaadhaa jalqabanii Mikmaas keessa, Ayyaa keessa, Beetʼeelii fi gandoota ishee keessa, 32 Anaatoot keessa, Noobii fi Hanaaniyaa keessa, 33 Haazoor keessa, Raamaa fi Gitayim keessa, 34 Haadiid keessa, Zebooʼiimii fi Nebalaax keessa, 35 Lood, Oonoo fi Gehaaraashim keessa jiraatan.

36 Garee Lewwota Yihuudaa keessaa tokko tokko immoo gosoota Biniyaam gidduu qubatan.

Veja também

Publicidade
Neemias
Ver todos os capítulos de Neemias
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-