Publicidade

Neemias 7

1 Erga dallaan sun ijaaramee anis cufaawwan iddootti deebisee booddee karra eegdonni, faarfattoonnii fi Lewwonni ni ramadaman. 2 Anis Yerusaalem irratti Anaanii obboleessa koo fi Hanaaniyaa ajajaa masaraa mootummaa sana nan muude; Hanaaniyaan kun nama hunda caalaa amanamaa fi kan Allaah sodaatu tureetii. 3 Ani akkanan isaaniinan jedhe; "Karrawwan Yerusaalem hamma aduun hoʼitutti banamuu hin qaban. Yeroo karra eegdonni hojii irra jiranittis cufaawwan cufamanii danqaraan keessa haa loofamu. Akkasumas jiraattota Yerusaalem keessaa eegdota tokko tokko iddoo isaaniitti, kaan immoo mana isaanii biratti ramadaa."

Maqaa Warra Boojuudhaa Deebiʼanii

4 Magaalattiin guddoo fi balʼoo turte; garuu saba muraasatu ishee keessa jiraata ture. Manneenis amma iyyuu deebifamanii hin ijaaramne. 5 Allaahan koos akka isaan maatii maatiidhaan galmeeffamaniif akka ani namoota bebeekamoo, qondaaltotaa fi uummata walitti qabuuf garaa koo keessa kaaʼe. Anis galmee hidda dhalootaa kan warra jalqabatti deebiʼanii nan argadhe. Wanni barreeffamee ani achitti argadhe kanaa dha:

6 Isaan kunneen namoota kutaa biyya sanaa warra boojuu Nebukadnezar mootichi Baabilon sun boojiʼee isaan geessee ture sanaa deebiʼanii dha; isaanis Yerusaalemii fi Yihuudaatti deebiʼanii tokkoon tokkoon isaanii magaalaa ofii isaaniitti galan; 7 isaanis Zarubaabel, Yushuʼaa, Nahimiyaa, Azaariyaa, Raʼaamiyaa, Nahamaan, Mordekaayi, Bilshaan, Misiphereti, Baguwaayi, Nehuumii fi Baʼanaa wajjin dhufan.

Maqaa namoota saba Israaʼel taʼanii:

8 Sanyiin Phaarosh 2,172

9 sanyiin Shefaaxiyaa 372

10 sanyiin Aaraa 652

11 sanyiin Fahat Moʼaab warri karaa Yeeshuʼaa fi Yooʼaab dhalatan 2,818

12 sanyiin Eelaam 1,254

13 sanyiin Zaatuu 845

14 sanyiin Zabaay 760

15 sanyiin Binuuyii 648

16 sanyiin Beebay 628

17 sanyiin Azgaad 2,322

18 sanyiin Adooniiqaam 667

19 sanyiin Baguwaay 2,067

20 sanyiin Aadiin 655

21 sanyiin Ateer warri karaa Hisqiyaas 98

22 sanyiin Haashum 328

23 sanyiin Beesaay 324

24 sanyiin Haariif 112

25 sanyiin Gibeʼoon 95

26 namoonni Beetlihemii fi namoonni Netoofaa 188

27 namoonni Anaatoot 128

28 namoonni Beet Azmaawet 42

29 namoonni Kiriyaati Yeʼaariim, kan Kefiiraatii fi Biʼeeroot 743

30 namoonni Raamaa fi Gebaa 621

31 namoonni Mikmaas 122

32 namoonni Beetʼeelii fi Aayi 123

33 namoonni Neboo kaan 52

34 namoonni Eelaam kaan 1,254

35 namoonni Haariim 320

36 namoonni Yerikoo 345

37 namoonni Lood, kan Haadiidii fi Oonoom 721

38 namoonni Senaaʼaa 3,930.

39 Luboota:

Sanyiin Yedaaʼiyaa warri karaa maatii Yeeshuuʼaa dhufan 973

40 sanyiin Imeer 1,052

41 sanyiin Phaashihuur 1,247

42 sanyiin Haariim 1,017.

43 Lewwota:

Sanyiin Yeeshuuʼaa warri karaa Qadmiiʼeel, karaa Hoodayiwaa dhufan 74.

44 Faarfattoota:

Sanyiin Asaaf 148.

45 Eegdota karra mana qulqullummaa:

Sanyiin Shaluum, sanyiin Ateer,

sanyiin Talmoon, sanyiin Aquub, sanyiin Haxiixaa fi sanyiin Soobaay 138.

46 Tajaajiltoota mana qulqullummaa:

Sanyii Ziihaa, sanyii Hasuufaa, sanyii Xabaaʼoot,

47 sanyii Keeroos, sanyii Siiʼaa, sanyii Faadon,

48 sanyii Lebaanaa, sanyii Hagaabaa, sanyii Shalmaayi,

49 sanyii Haanaan, sanyii Gideel, sanyii Gahar,

50 sanyii Reʼaayaa, sanyii Reziin, sanyii Neqoodaa,

51 sanyii Gazaam, sanyii Uzaa, sanyii Faasehaa,

52 sanyii Beesaay, sanyii Meʼuuniim, sanyii Nefuushesiim,

53 sanyii Baqbuuq, sanyii Haquufaa, sanyii Harhuur,

54 sanyii Bazliit, sanyii Mihiidaa, sanyii Harshaa,

55 sanyii Barqoos, sanyii Siisaaraa, sanyii Teemahi,

56 sanyii Neziiyaa fi sanyii Haxiifaa.

57 Sanyii Tajaajiltoota Suleyimaan:

Sanyii Soxaayi, sanyii Sofereeti, sanyii Feriidaa,

58 sanyii Yaʼilaa, sanyii Darqoon, sanyii Gideel,

59 sanyii Shefaaxiyaa, sanyii Haxiil,

sanyii Fookeret-Hazbaayimii fi sanyii Aamoon.

60 Tajaajiltoota mana qulqullummaatii fi sanyiin tajaajiltoota Suleyimaan 392.

61 Warri armaan gadiis magaalaawwan Teel Melaa, Teel Hareshaa, Kiruub, Adoonii fi Imeeriitii dhufan; isaan garuu akka maatiin isaanii sanyii Israaʼel taʼan mirkaneessuu hin dandeenye; isaanis:

62 Sanyiin

Delaayaa, sanyiin Xoobbiyaa fi sanyiin Neqoodaa 642.

63 Luboota keessaa immoo:

Sanyii Habayaa,

sanyii Haqoosii fi kan Barzilaay; Barzilaayiin kun sababii intala Barzilaay namicha Giliʼaad sanaa fuudheef maqaa kanaan waamame.

64 Isaan kunneen sababii galmee hidda dhalootaa keessaa maqaa maatii isaanii barbaadanii dhabaniif akka xuraaʼotaatti ilaalamanii tajaajila lubummaa dhowwaman. 65 Bulchaan biyyattiis hamma lubni Uriimii fi Tumiimiidhaan tajaajilu tokko kaʼutti akka isaan nyaata nyaata hunda caalaa qulqulluu taʼe kam iyyuu hin nyaanneef isaan ajaje.

66 Warri boojuudhaa deebiʼan walumaa galatti namoota 42,360 turan; 67 kana malees tajaajiltoonni isaanii dhiiraa fi dubartiin 7,337 turan; akkasumas isaan faarfattoota dhiiraa fi dubartii 245 qabu ture. 68 Isaan farda 736, gaangolii 245, 69 gaala 435 fi harree 6,720 qaban ture.

70 Hangafoonni maatiiwwanii tokko tokko hojii sanaaf buusii buusan. Bulchaan biyyaa immoo warqee daariikii 1,000, waciitii 50 fi uffata lubootaa 530 mankuusaatti galii godhe. 71 Abbootiin maatiiwwanii tokko tokko immoo hojii sanaaf warqee daariikii 20,000 fi meetii minnaanii 2,200 mankuusatti galii godhan. 72 Uummanni kaan immoo walumaa galatti warqee daariikii 20,000, meetii minnaanii 2,000 fi uffata lubootaa 67 kennan.

73 Luboonni, Lewwonni, eegdonni karraa, faarfattoonnii fi tajaajiltoonni mana qulqullummaa namoota tokko tokkoo fi Israaʼeloota kaan wajjin magaalaawwan ofii isaanii keessa qubatan.

Veja também

Publicidade
Neemias
Ver todos os capítulos de Neemias
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_18-40-07-