10 Waaqayyos Museedhaan akkana jedhe; 11 "Fiinehaas ilmi Eleʼaazaar ilma Aroon lubicha sanaa dheekkamsa koo Israaʼeloota irraa deebiseera; inni akka ani hinaaffaa kootiin isaan hin balleessineef, akkuma ani ulfina kootiif isaan gidduutti hinaafu sana innis hinaafeeraatii. 12 Kanaafuu kunoo akka ani kakuu koo kan nagaa isa wajjin godhadhu itti naaf himi. 13 Sababii inni ulfina Waaqa isaatiif hinaafee Israaʼelootaaf araara buuseef, innii fi sanyiin isaa kakuu lubummaa kan bara baraa qabaatu."