5 Yommuu qubanni deemuuf kaʼutti Aroonii fi ilmaan isaa ol galanii golgaa daʼeessu sana gad haa buusan; golgaa sanaanis taabota kakuu seeraatti haa haguugan.
15 "Erga Aroonii fi ilmaan isaa meeshaawwan qulqulluu sanaa fi miʼa qulqulluu hunda haguuganii fixanii booddee yeroo qubanni sun godaanuuf kaʼutti Qohaatonni miʼa kana baachuudhaaf haa dhufan. Isaan garuu miʼa qulqulluu sana hin tuqin; yoo tuqan ni duʼuutii. Qohaatonni waan dunkaana wal gaʼii keessa jiru hunda haa baatan.
24 "Tajaajilli balbalawwan Geershoonotaa hojii hojjechuu fi baʼaa baachuudhaan tajaajilan kanaa dha:
31 Wanni isaan yeroo hojii dunkaana wal gaʼii hojjetanitti godhan kanaa dha: kunis tuggeewwan dunkaana qulqulluu, dagaleewwan isaa, utubootaa fi miillawwan isaanii,