Publicidade

Provérbios 1

1 Fakkeenya Solomoon Ilma Daawit, mootii Israaʼel:

2 Ogummaa fi qajeelfama qabaachuudhaaf,

dubbii beekumsa guddaa hubachuudhaaf;

3 ogummaadhaan jiraachuudhaan, qajeelummaadhaan,

murtii qajeelaa kennuu fi nama wal qixxeessuudhaan qajeelfama argachuudhaaf;

4 warra waa hin beekneef of eeggannoo kennuudhaaf,

dargaggootaaf immoo beekumsaa fi hubannaa kennuudhaaf,

5 ogeeyyiin dhaggeeffatanii barumsa isaanii irratti waa haa dabalatan;

warri qalbii qabanis qajeelfama haa argatan;

6 kunis fakkeenyaa fi hiikkaa,

jechaa fi hibboo ogeeyyii hubachuudhaaf.

7 Waaqayyoon sodaachuun jalqaba ogummaa ti;

gowwoonni garuu ogummaa fi adabamuu tuffatu.

Veja também

Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-07-05_19-25-13-