Pular para o conteúdo
Publicidade

Provérbios 11

1 Waaqayyo madaalii hin amanamne ni balfa;

madaalii dhugaatti immoo ni gammada.

2 Gaafa of tuuluun dhufu, salphinatu dhufa;

gad of qabiisa wajjin immoo ogummaatu dhufa.

3 Amanamummaan tolootaa isaan dura deema;

warri hin amanamne garuu dabuma isaaniitiin badu.

4 Guyyaa dheekkamsaatti qabeenyi faayidaa hin qabu;

qajeelummaan garuu duʼa jalaa nama baasa.

5 Qajeelummaan warra mudaa hin qabnee karaa qajeelaa baasaaf;

hamoonni garuu hamminuma isaaniitiin badu.

6 Qajeelummaan tolootaa isaan oolcha;

warri hin amanamne garuu hawwii hamaadhaan qabamu.

7 Yeroo namni hamaan duʼu, abdiin isaas ni bada;

wanni namni hamaan eeggatus ni barbadeeffama.

8 Namni qajeelaan rakkoo jalaa ni baafama;

rakkoon sunis qooda isaa nama hamaa irra gaʼa.

9 Namni Waaqatti hin bulle dubbii afaan isaatiin ollaa isaa balleessa;

namni qajeelaan immoo beekumsaan miliqa.

10 Yommuu namni qajeelaan badhaadhu magaalaan ni gammada;

yommuu namni hamaan barbadaaʼu immoo iyya gammachuutu dhagaʼama.

11 Eebba nama tolaatiin magaalaan ulfina argata;

afaan nama hamaatiin garuu ni barbadeeffama.

12 Namni sammuu hin qabne ollaa isaa tuffata;

kan hubannaa qabu garuu ni calʼisa.

13 Namni odeessu dhoksaa gad baasa;

kan amanamu garuu icciitii eega.

14 Qajeelfama dhabiisaan sabni ni kufa;

baayʼina gorsitootaatiin garuu nagaatu argama.

15 Namni nama hin beekneef wabii taʼu ni rakkata;

namni namaaf kakachuuf jedhee harka dhaʼuu didu immoo nagaan jiraata.

16 Dubartiin gara laafettiin ulfina argatti;

namoonni garaa dhagaa immoo qabeenya qofa argatu.

17 Namni gaariin of fayyada;

gara jabeessi garuu rakkina ofitti fida.

18 Namni hamaan mindaa sobaa argata;

kan qajeelummaa facaafatu immoo badhaasa dhugaa argata.

19 Namni qajeelaan dhugumaan jireenya argata;

kan waan hamaa duukaa buʼu garuu gara duʼaa argata.

20 Waaqayyo warra yaada jalʼaa qaban balfa;

warra karaan isaanii mudaa hin qabnetti immoo ni gammada.

21 Waan kana hubadhu: Namni hamaan utuu hin adabamin hin hafu;

qajeeltonni garuu bilisa baʼu.

22 Dubartiin miidhagduun qalbii hin qabne

akkuma qubeelaa warqee kan funyaan booyyeetti jirtuu ti.

23 Wanni qajeeltonni hawwan gaarii taʼaaf;

abdiin hamootaa garuu dheekkamsa qofa taʼa.

24 Namni tokko toluma waa namaa kenna;

taʼus ittuma caalchisee sooroma;

kaan immoo waan kennuu malu dhowwata; taʼus inuma hiyyooma.

25 Namni arjaan ni badhaadha;

namni warra kaan dheebuu baasu ofii isaatii illee dheebuu baʼa.

26 Nama dhoksee midhaan kuufatu sabni ni abaara;

kan gurguruuf fedhii qabu immoo eebbatu gonfoo taʼaaf.

27 Namni waan gaarii barbaadu carraa gaarii argata;

hamminni garuu nama hammina barbaadutti dhufa.

28 Namni sooruma ofii isaa abdatu kam iyyuu ni kufa;

qajeelaan garuu akkuma baala magariisaatti lalisa.

29 Namni maatii isaatti rakkoo fidu bubbee qofa dhaala;

gowwaan immoo garbicha nama ogeessaa taʼa.

30 Iji nama qajeelaa muka jireenyaa ti;

namni lubbuu namaa baraaru immoo ogeessa.

31 Erga qajeeltonni lafa irratti gatii isaanii argatanii,

namni Waaqatti hin bullee fi cubbamaan hammam caalaa haa argatanii ree!

Veja também