Pular para o conteúdo
Publicidade

Provérbios 2

Badhaasa Ogummaa

1 Yaa ilma ko, yoo ati dubbii koo fudhattee

ajaja koos of keessatti kuufatte,

2 yoo ati gurra kee ogummaatti garagalfattee

yaada kee hubannaatti deebifatte,

3 yoo ati jabaattee qalbeeffannaa barbaaddee

hubannaa argachuuf jettee iyyitee kadhatte,

4 yoo ati akkuma meetiitti isa barbaaddattee

akkuma qabeenya dhokfameetti isa barbaadde,

5 ati Waaqayyoon sodaachuu ni hubatta;

Waaqa beekuus ni argatta.

6 Waaqayyo ogummaa namaa kennaatii;

afaan isaa keessaa illee beekumsaa fi hubannaatu baʼa.

Veja também