14 Yoos isaan akkamitti isa itti hin amanin waammachuu dandaʼu ree? Isa waaʼee isaa hin dhagaʼinittis akkamitti amanuu dandaʼu ree? Utuu namni isaanitti hin lallabinis akkamitti dhagaʼuu dandaʼu ree? 15 Isaanis utuu hin ergamin akkamitti lallabuu dandaʼu? Kunis isa, "Miilli warra wangeela fidanii akkam miidhagaa dha!"10:15 Isa 52:7 jedhamee barreeffamee dha.
16 Oduu gaarii sanas kan fudhate Israaʼeloota hunda miti. Isaayyaas, "Yaa Gooftaa, ergaa keenya eenyutu amane?"10:16 Isa 53:1 jedhaatii. 17 Egaa amantiin ergaa dhagaʼuudhaan dhufa; ergaan kunis karaa dubbii waaʼee Kiristoosiin dhagaʼama.