Waaqa Jajuu
33 Badhaadhummaan ogummaatii fi
beekumsa Waaqaa hammam gad fagaata!
Murtiin isaa qoramee bira hin gaʼamu!
Karaan isaas barbaadamee itti hin baʼamu!
34 "Eenyutu yaada garaa Gooftaa beeke?
Yookaan eenyutu gorsaa isaa ture?"11:34 Isa 40:13
35 "Yookaan akka Waaqni deebisee isaaf kennuuf jedhee,
eenyutu takkumaa Waaqaaf waa kenne?"11:35 Iyo 41:11
36 Wanti hundinuu isa irraa dhufe; isumaan dhufe; isaaf dhufe.
Bara baraan ulfinni isaaf haa taʼu! Ameen.