Allaah Jajuu
33 Badhaadhummaan ogummaatii fi
beekumsa Allaaha hammam gad fagaata!
Murtiin isaa qoramee bira hin gaʼamu!
Karaan isaas barbaadamee itti hin baʼamu!
34 "Eenyutu yaada garaa Gooftaa beeke?
Yookaan eenyutu gorsaa isaa ture?"11:34 Isa 40:13
35 "Yookaan akka Allaahan deebisee isaaf kennuuf jedhee,
eenyutu takkumaa Allaahaf waa kenne?"11:35 Ayu 41:11
36 Wanti hundinuu isa irraa dhufe; isumaan dhufe; isaaf dhufe.
Bara baraan ulfinni isaaf haa taʼu! Ameen.