Publicidade

Romanos 11

Hambaa Israaʼel

1 Anis, "Egaa Allaahan saba isaa ni gatee ree?" jedhee nan gaafadha. Kun gonkumaa akkas miti! Ani iyyuu Israaʼelicha, sanyii Ibraahim keessaa gosa Biniyaam. 2 Allaahan saba isaa warra duraan dursee beeke sana hin ganne; isin waaʼee Iliyaas, inni akkamitti Allaah duratti akka Israaʼelin himate Katabbiin Qulqulluun maal akka jedhu hin beektanii? Innis akkana jedha: 3 "Yaa Gooftaa isaan nabiiʼiyyoota kee ajjeesaniiru; iddoo aarsaa keetii illee diiganiiru; anuma qofatu hafe; anas ajjeesuu barbaadu." 4 Garuu deebiin Allaahan isaaf kenne maal ture? "Ani ofii kootiif namoota Baʼaaliif hin jilbeenfatin 7,000 hambifadheera." 5 Akkasuma yeroo ammaas hambaawwan ayyaanaan filataman jiru. 6 Erga ayyaanaan taʼe immoo siʼachi hojiin miti; utuu hojiin taʼee immoo ayyaanni silaa ayyaana hin taʼu ture.

7 Egaa maali ree? Israaʼel waan jabeessee barbaade sana hin arganne; warri filataman garuu argataniiru. Warri kaan immoo mataa jabaatan. 8 Kunis isa,

"Allaahan hamma guyyaa harʼaatti,

akka iji isaanii hin argineef,

akka gurri isaaniis hin dhageenyeef,

hafuura nama dawweessu isaaniif kenne"

jedhamee barreeffamee dha. 9 Daawudis akkana jedha;

"Maaddiin isaanii iddaa fi kiyyoo,

gufuu nama gufachiisuu fi adaba isaanitti haa taʼu.

10 Akka arguu hin dandeenyeef iji isaanii haa haguuggamu;

dugdi isaaniis bara baraan haa goophatu."

Namoonni Ormaa Fayyina Argatan

11 Anis deebisee, "Isaan hamma kufanii kaʼuu hin dandeenyetti gufatanii?" jedheen gaafadha. Kun gonkumaa akkas miti! Garuu akka sabni Israaʼel hinaafuuf sababii balleessaa isaaniitiif fayyinni Namoota Ormaatiif dhufe. 12 Yoos erga balleessaan isaanii addunyaaf badhaadhummaa fidee, kufaatiin isaaniis erga Namoota Ormaatiif badhaadhummaa fidee, guutummaan isaanii immoo hammam caalaa badhaadhummaa haa fiduu ree?

13 Yaa Namoota Ormaa, ani isinittin dubbadha. Ani waanan ergamaa Namoota Ormaa taʼeef, tajaajila koo nan kabaja. 14 Kanaanis ani tarii saba koo hinaaffaaf kakaasee isaan keessaa tokko tokko fayyisuu abdadhee ti. 15 Erga gatamuun isaanii addunyaaf araara fidee, fudhatamuun isaanii immoo warra duʼan keessaa jireenyatti kaafamuu malee maal fida ree? 16 Kutaan bukoo kan akka kennaa hangafaatti dhiʼeeffame tokko erga qulqulluu taʼee, bukoon guutuun qulqulluu dha; hiddi erga qulqulluu taʼee, dameewwan isaas akkasuma qulqulloota.

17 Dameewwan sana keessaa tokko tokko caccabsamnaan ati utuma lataa ejersa bosonaa taatee jirtuu iddoo dameewwan caccabaniitti fayyifamtee soora hidda ejersaa irraa argamu kan qooddattu taanaan, 18 dameewwan sanatti hin koorin. Yoo of jajje garuu hidda sanatu si baata malee akka ati hidda sana hin baanne hubadhu. 19 Atis, "Akka ani itti fayyifamuuf dameewwan sun caccabsaman" ni jetta. 20 Kun dhuguma. Isaan waan amantii hin qabneef caccabsaman; ati garuu amantiidhaan dhaabatteerta. Kanaafuu sodaadhu malee of hin tuulin. 21 Allaahan yoo dameewwan uumamaatiif hin hilin siifis hin hiluutii.

22 Egaa arjummaa fi gara jabina Allaaha hubadhu: gara jabinni isaa warra kufan irratti; arjummaan isaa garuu hamma ati arjummaa isaa keessa jiraattutti siif; yoo kanaa achii atis ni kutamta. 23 Isaanis yoo amantii dhabuutti fufuu baatan itti fayyifamu; Allaahan deebisee itti isaan fayyisuu ni dandaʼaatii. 24 Ati muka uumamaan ejersa bosonaa taʼe irraa muramtee karaa seera uumamaatiin ala taʼeen muka ejersaa kan dhaabame irratti erga fayyifamtee, dameewwan uumamaa kunneen hammam caalaa muka ejersa isaanii irratti deebifamanii hin fayyifaman ree!

Israaʼeloonni Hundinuu Ni fayyu

25 Yaa obboloota, ani akka isin ogeeyyii of seetanii icciitii kana wallaaltan hin barbaadu; hamma lakkoobsi Namoota Ormaa guutuun seenutti Israaʼel gariin mata jabinaan jiraachaa turan. 26 Kanaafuu Israaʼel hundi ni fayyu; akkana jedhamee barreeffameeraatii:

"Inni furu Xiyoonii ni dhufa;

Yaaʼikuub irraas Allaah malee jiraachuu ni balleessa.

27 Yommuu ani cubbuu isaanii isaan irraa fuudhutti,

kakuun koo kan ani isaan wajjin qabu kana."

28 Akka injiilaatti isiniif jecha isaan diinota; akka filannootti garuu abbootiif jecha isaan jaallatamoo dha; 29 kennaan Allaahatii fi waamichi isaa gaabbii hin qabuutii. 30 Akkuma isin kanaan dura Allaahaf ajajamuu diddanii amma garuu ajajamuu diduu isaaniitiin araara argattan sana 31 isaanis akkasuma araara Allaaha kan isin argattaniin akka araara argataniif amma ajajamuu didan. 32 Allaahan hunduma isaaniitiif araara buusuuf jedhee namoota hunda ajajamuu diduu jala galche.

Allaah Jajuu

33 Badhaadhummaan ogummaatii fi

beekumsa Allaaha hammam gad fagaata!

Murtiin isaa qoramee bira hin gaʼamu!

Karaan isaas barbaadamee itti hin baʼamu!

34 "Eenyutu yaada garaa Gooftaa beeke?

Yookaan eenyutu gorsaa isaa ture?"

35 "Yookaan akka Allaahan deebisee isaaf kennuuf jedhee,

eenyutu takkumaa Allaahaf waa kenne?"

36 Wanti hundinuu isa irraa dhufe; isumaan dhufe; isaaf dhufe.

Bara baraan ulfinni isaaf haa taʼu! Ameen.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_06-50-08-