1 Kanaafuu yaa obboloota, akka isin dhagna keessan aarsaa jiraataa, qulqullaaʼaa fi kan Allaah gammachiisu gootanii dhiʼeessitaniif ani gara laafina Allaahatiin isin kadhadha; kunis waaqeffannaa keessan kan hafuuraa ti. 2 Fedhiin Allaaha gaariin, gammachiisaanii fi kan mudaa hin qabne maal akka taʼe qorattanii akka mirkaneessuu dandeessaniif haaromfamuu qalbii keessaniitiin geeddaramaa malee addunyaa kana hin fakkaatinaa.
3 Ani ayyaana naa kennameen tokkoo tokkoo keessan nan gorsaatii: Akka madaalii amantii kan Allaahan isinii kenne sanaatti qalbeeffannaadhaan waaʼee ofii keessanii yaadaa malee hamma yaaduu qabdanii olitti hin yaadinaa. 4 Akkuma dhagni keenya kutaa baayʼee qabu, akkuma kutaawwan kunneenis hojii wal fakkaatu hin qabaatin sana 5 akkasuma immoo nu warri baayʼee taane Al-Masiihiin dhagna tokkoo dha; tokkoon tokkoon kutaa dhagnaa kan walii isaanii ti. 6 Nu akkuma ayyaana nuu kennameetti kennaa garaa garaa qabna. Yoo kennaan nama tokkoo raajii dubbachuu taʼe, inni akkuma amantii isaatitti haa dubbatu. 7 Yoo tajaajiluu taʼe, haa tajaajilu; yoo barsiisuu taʼe, haa barsiisu; 8 yoo jajjabeessuu taʼe, haa jajjabeessu; yoo warra rakkataniif kennuu taʼe, arjummaadhaan haa kennu; yoo bulchuu taʼe, jabaatee haa bulchu; yoo maaruu taʼe, gammachuun haa maaru.
9 Jaalalli keessan itti fakkeessuudhaan hin taʼin. Waan hamaa jibbaa; waan gaariitti maxxanaa. 10 Jaalala obbolummaatiin jabeessaa wal jaalladhaa. Ulfina walii kennuutti wal dorgomaa. 11 Gooftaa tajaajiluu keessatti hafuura gubaa qabaadhaa malee hinaaffaa hin dhabinaa. 12 Abdiidhaan gammadaa; dhiphina obsaa; duʼaa gochuutti cimaa. 13 Qulqulloota rakkataniif waa gumaachaa. Keessummoota simadhaa.
14 Warra isin ariʼatan eebbisaa; eebbisaa malee hin abaarinaa. 15 Warra gammadan wajjin gammadaa; warra booʼan wajjin booʼaa. 16 Walii galteedhaan wajjin jiraadhaa. Warra jireenya gad aanaa jiraatan wajjin jiraadhaa malee hin koorinaa. Of hin tuulinaa.
17 Nama kamiif iyyuu hammina hamminaan hin deebisinaa. Nama hunda duratti waan gaarii hojjedhaa. 18 Yoo dandaʼame, gama keessaniin nama hunda wajjin nagaan jiraadhaa. 19 Yaa jaallatamtoota, dheekkamsa Allaahatiif iddoo kennaa malee haaloo hin baʼinaa; Gooftaan, "Haaloo baasuun kan koo ti; ani gatii nan deebisa" jedha, jedhamee barreeffameeraatii. 20 Garuu,
"Yoo diinni kee beelaʼe, beela baasi;
yoo inni dheebotes, waan inni dhugu kenniif.
Kana gochuu keetiin barbadaa ibiddaa mataa isaa irra tuulta."
21 Gaarummaan hammina moʼi malee hamminaan hin moʼamin.