Publicidade

Romanos 5

Nagaa fi Gammachuu

1 Kanaafuu amantiidhaan qajeeltota erga taasifamnee nu karaa Gooftaa keenya Iisaa Al-Masiihiin Allaah wajjin nagaa qabna. 2 Ayyaana amma jabaannee ittiin dhaabannu kanattis karaa isaatiin amantiin galuuf carraa arganneerra. Abdii ulfina Allaahattis ni gammanna. 3 Kana qofa miti; nu dhiphina keenyattis ni gammanna; akka dhiphinni obsa fidu ni beeknaatii; 4 obsi jabaatanii dhaabachuu, jabaatanii dhaabachuun immoo abdii fida. 5 Jaalalli Allaaha karaa Hafuura Qulqulluu nuu kennamee sanaatiin garaa keenya keessatti waan dhangalaafameef abdiin nu hin qaanessu.

6 Utuu nu amma illee dadhabdoota taanee jirruu yeroo malutti Al-Masiihiin cubbamootaaf jedhee duʼe. 7 Yoo namni tokko nama gaariif duʼuuf ija jabaachuu dandaʼe iyyuu, namni nama qajeelaaf duʼu akka malee muraasa. 8 Garuu utuma nu cubbamoota taanee jirruu Al-Masiihiin nuuf jedhee duʼe; kunis jaalala Allaahan nuuf qabu argisiisa.

9 Egaa nu amma erga dhiiga isaatiin qajeeltota taasifamnee, akkam karuma isaatiin dheekkamsa Allaaha jalaa hin baane ree! 10 Nu utuu diinota Allaaha taanee jirruu erga duʼa ilma isaatiin isatti araaramnee, erga isatti araaramnee booddee immoo hammam caalaa jireenya isaatiin hin fayyinu ree! 11 Kana qofa miti; nu garuu Gooftaa keenya Iisaa Al-Masiihi isa ittiin amma araara arganne sanaan Allaahatti ni gammanna.

Duuti Aadamiin, Jireenyi Immoo Al-Masiihiin Dhufe

12 Kanaaf akkuma cubbuun karaa nama tokkootiin addunyaa seene, duuti immoo karaa cubbuutiin seene; sababii namni hundinuu cubbuu hojjeteefis duuti nama hundatti dhufe.

13 Utuu seerri hin kennaminiin dura iyyuu cubbuun addunyaa keessa tureetii; yeroo seerri hin jirretti garuu cubbuun hin lakkaaʼamu. 14 Taʼus duuti bara Aadam irraa jalqabee hamma bara Muusaatti warra dogoggora akka Aadam hin hojjetin irratti illee moʼee ture; Aadamis Isa dhufuuf jiru sanaaf fakkeenya ture.

15 Kennaan tolaa sun garuu akka balleessaa sanaa miti. Erga sababii balleessaa nama tokkootiin namoonni baayʼeen duʼanii, ayyaanni Allaahatii fi kennaan karaa ayyaana nama tokkootiin jechuunis kennaan karaa Iisaa Al-Masiihiitiin dhufe sun immoo hammam caalaa namootaaf haa baayʼatu ree! 16 Kennaan Allaaha miidhaa cubbuun namni tokko hojjete fiduun tokko miti: Murtiin cubbuu tokkichaaf kenname yakkamtummaa fideera; kennaan tolaa kan balleessaa baayʼee irratti kenname garuu qajeelummaa fide. 17 Erga sababii balleessaa nama tokkootiin karaa namicha sanaatiin duuti moʼee, warri ayyaana baayʼatee irraa hafaa taʼee fi kennaa qajeeltota nama taasisu argatan immoo karaa nama tokkoo karaa Iisaa Al-Masiihiitiin hammam caalaa jireenyaan hin moʼan ree!

18 Kanaafuu akkuma balleessaan tokko nama hundatti yakka mursiise, akkasuma immoo hojiin qajeelummaa tokko nama hundaaf qajeelummaa jireenya fidu taʼe. 19 Akkuma ajajamuu diduu nama tokkootiin namoonni baayʼeen cubbamoota taʼan, akkasuma immoo ajajamuu nama tokkootiin namoonni baayʼeen qajeeltota ni taasifamu.

20 Seerris akka cubbuun baayʼatuuf dhufe. Lafa cubbuun baayʼatetti garuu ayyaanni akka malee baayʼate; 21 kunis akkuma cubbuun karaa duʼaatiin moʼe sana ayyaannis karaa Gooftaa keenya Iisaa Al-Masiihiitiin akka jireenya bara baraa fiduuf karaa qajeelinaatiin akka moʼuuf.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_06-50-08-