Publicidade

Romanos 9

Filannoo Allaah

1 Ani Al-Masiihiin dhugaa nan dubbadha; ani hin sobu; yaadni koos Hafuura Qulqulluudhaan naa mirkaneessa; 2 ani gadda guddaa fi dhiphina wal irraa hin cinne garaa koo keessaa qaba. 3 Ani iyyuu obboloota koo warra akka fooniitti sanyii koo taʼaniif jedhee utuun Al-Masiihii irraa gargar baʼee abaaramee nan hawwa tureetii; 4 isaan saba Israaʼel. Ilmummaan, ulfinni, kakuun, seera fudhachuun, tajaajiluu fi waadaan kan isaanii ti. 5 Abbootiin kan isaanii ti; Al-Masiihiinis isaan irraa fooniin dhalate; inni waan hunda irratti Allaah; inni bara baraan haa eebbifamu! Ameen.

6 Kun garuu dubbiin Allaaha diigameera jechuu miti. Kan Israaʼel irraa dhalate hundi Israaʼel miti. 7 Yookaan isaan sababii sanyii Ibraahim taʼaniif hundi isaanii ijoollee isaa miti. Garuu, "Sanyiin kee Yisihaaqiin siif waamama" jedhameera. 8 Kana jechuunis ijoollee waadaatu sanyiitti lakkaaʼama malee ijoolleen foon irraa dhalatan ijoollee Allaaha miti. 9 Dubbiin waadaa sunis kan, "Ani yeroo murteeffametti deebiʼee nan dhufa; Saaraanis ilma ni deessi" jedhu tureetii.

10 Kana qofa miti; Ribqaan yeroo namuma tokkoof, abbaa keenya Yisihaaqiif ulfooftetti, 11 ijoolleen sun utuu hin dhalatin yookaan utuu waan gaarii yookaan waan hamaa hin hojjetin akka kaayyoon filannoo Allaaha raawwatamuuf, 12 utuu hojiin hin taʼin isa waamicha Allaahatiin, "Inni hangafni isa quxisuu tajaajila" jedhamee isheetti himame. 13 Kunis akkuma, "Yaaʼikuubin nan jaalladhe; Esaawun garuu nan jibbe" jedhamee barreeffamee dha.

14 Egaa maal jenna ree? Allaahan jalʼaadhaa? Gonkumaa akkas miti! 15 Inni Muusaadhaan,

"Ani kanan maaru nan maara;

kanan garaa laafuufiis garaa nan laafa"

jedhaatii. 16 Kanaafuu wanti kun araara Allaahatiin malee hawwii yookaan carraaqqii namaatiin miti. 17 Katabbiin qulqulluun Faraʼooniin, "Ani humna koo sirratti argisiisuuf, maqaan koos akka lafa hunda irratti labsamuuf kaayyoo kanaaf si kaaseera" jedhaatii. 18 Kanaaf Allaahan kan maaruu barbaadu ni maara; kan mata jabeessa gochuu barbaadu immoo mata jabeessa godha.

19 Isinis, "Yoos Allaahan maaliif amma iyyuu dogoggora nurra barbaada? Fedhii isaas eenyutu mormuu dandaʼa?" naan jettu. 20 Garuu yaa namichoo, Allaahan mormuuf ati eenyu? "Wanti tolfame tokko kan isa tolcheen, ‘Ati maaliif akkanatti na tolchite?’ " jedhaa? 21 Suphee dhooftuun tokko dhoqqee suphee kan bukaaʼe irraa qodaa ulfinaa fi salphinaaf oolu tolchuuf mirga hin qabuu?

22 Allaahan dheekkamsa isaa argisiisuu fi humna isaas beeksisuuf jedhee yoo miʼa dheekkamsaa kanneen badiisaaf qopheeffaman obsa guddaan bira darbe hoo? 23 Inni badhaadhummaa ulfina isaa yoo miʼa araara isaa kanneen duraan dursee ulfinaaf qopheessetti beeksisuuf jedhee waan kana godhe hoo? 24 Nus warra waamaman keessaa tokkoo dha; inni Yihuudoota qofa keessaa utuu hin taʼin Namoota Ormaa keessaas waameera. 25 Inni kitaaba Hooseʼaa keessatti akkana jedha:

"Ani warra saba koo hin taʼiniin, ‘Saba koo’ nan jedha;

ishee jaallatamtuu hin taʼiniin immoo, ‘Jaallatamtuu’ nan jedha."

26 Akkasumas isaan,

"Iddoodhuma itti, ‘Isin saba koo miti’

isaaniin jedhame sanatti, ‘Ilmaan Allaah jiraataa’

jedhamanii ni waamamu."

27 Isaayyaas akkana jedhee waaʼee Israaʼel iyya:

"Baayʼinni ilmaan Israaʼel yoo akkuma cirracha qarqara galaanaa taʼe iyyuu,

hambaa qofatu fayya.

28 Gooftaan utuu hin turin,

yeroo dhumaatiif lafa irratti ni muraatii."

29 Kunis akkuma Isaayyaas duraan dursee akkana jedhee dubbatee dha:

"Utuu Gooftaan Waan Hunda Dandaʼu,

sanyii nuuf hambisuu baatee,

nu silaa akkuma Sodoom taanee,

Gomoraas fakkaanna turre."

Amantii Dhabuu Israaʼel

30 Egaa maal jenna ree? Namoonni Ormaa kan qajeelummaa duukaa hin buʼin qajeelummaa karaa amantiitiin taʼe argataniiru. 31 Israaʼeloonni seera qajeelummaa duukaa buʼan garuu qajeelummaa hin arganne. 32 Maaliif dhaban? Kunis sababii isaan utuu karaa amantiitiin hin taʼin hojiidhaan qajeelummaa argachuu barbaadaniif; isaanis dhagaa nama gufachiisuun gufatan. 33 Kunis akkuma,

"Kunoo, ani dhagaa nama gufachiisu,

kattaa nama kuffisu Xiyoon keessa nan kaaʼa;

namni isatti amanu gonkumaa hin qaanaʼu"

jedhamee barreeffame sanaa dha.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-