1 Kanaafuu yaa namichoo, ati yoo abbaa fedhe illee taate kan nama kaanitti murtu waan itti qabattu hin qabdu; waan ittiin namatti murtu hundaan ofittis ni murtaatii; ati kan murtii kennitu iyyuu ofii keetiis isuma hojjettaatii. 2 Nu akka murtiin Allaaha kan warra waan akkanaa hojjetan irratti murteeffamu dhugaa irratti hundaaʼe ni beekna. 3 Yaa namichoo, ati yommuu warra waan akkanaa hojjetanitti murtee ofii keetii immoo waanuma akkasii hojjettu waan murtii Allaaha jalaa baatu seetaa? 4 Yookaan ati akka gara laafummaan Allaaha gara qalbii jijjiirrannaatti si geessu utuu hin beekin baayʼina gara laafummaa isaa, gara balʼina isaatii fi obsa isaa ni tuffattaa?
5 Ati garuu sababii mata jabina keetiitii fi garaa kee isa qalbii hin jijjiirranne sanaatiif guyyaa dheekkamsa Allaaha kan murtiin qajeelaan itti mulʼatu sanaaf dheekkamsa of irratti kuusaa jirta. 6 Allaahan, "Nama hundaaf akkuma hojii isaatti gatii isaa ni kenna." 7 Inni warra obsaan waan gaarii hojjechaa kabaja, ulfinaa fi jireenya hin dabarre barbaadaniif jireenya bara baraa ni kenna. 8 Warra ofittoo kanneen dhugaadhaaf ajajamuu didanii hammina duukaa buʼan garuu dheekkamsaa fi aariitu isaan eeggata. 9 Nama hammina hojjetu hunda irratti, jalqabatti Yihuudii irratti, ergasii immoo Nama Ormaa irratti dhiphinnii fi rakkinni ni dhufa. 10 Garuu nama waan gaarii hojjetu hundaaf, jalqabatti Yihuudiif, ergasii immoo Nama Ormaatiif kabajni, ulfinnii fi nagaan ni taʼa. 11 Allaahan nama wal hin caalchisuutii.
12 Warri utuu seera hin qabaatin cubbuu hojjetan hundinuu seera malee barbadaaʼu; warra utuu seera qabanuu cubbuu hojjetan hundattis seeruma sanaan murama. 13 Sababiin isaas warra seeraaf ajajamanitu fuula Allaaha duratti qajeeltota taasifama malee warri seera dhagaʼan qajeeltota miti. 14 Namoonni Ormaa warri seera hin qabne yoo uumamaan waan seerri ajaju hojjetan, yoo seera qabaachuu baatan illee isaan ofii isaaniitiifuu seera. 15 Isaan waan qalbiin isaanii dhugaa baʼuuf, waan yaadni isaaniis yeroo tokko isaan himatee yeroo kaan immoo isaaniif falmuuf, akka ajajni seeraa garaa isaanii keessatti barreeffame ni argisiisu. 16 Akka injiila ani lallabuutti wanni kun gaafa Allaahan icciitii namootaa karaa Iisaa Al-Masiihiin murtii itti kennutti taʼa.
17 Ati yoo Yihuudii ofiin jette, yoo seera amanatte, yoo kan Allaahanis of jajju taate, 18 yoo fedhii isaa beekte, yoo seera sanaanis qajeelfamtee waan hunda caalu mirkaneeffatte, 19 warra iji isaanii jaameef dura deemaa, warra dukkana keessa jiraniif immoo ifa taʼuu kee yoo amante, 20 karaa seeraatiinis beekumsaa fi dhugaa qabduun yoo wallaaltota gorsite, daaʼimmanis yoo barsiifte, 21 egaa ati kan warra kaan barsiiftu, ofii kee immoo hin barsiiftuu? Kan "Hin hatin" jettee barsiiftu ofii keetii immoo ni hattaa? 22 Ati kan, "Namni ejjuu hin qabu" jettu ofii keetii ni ejjitaa? Kan waaqeffatamtoota tolfamoo akka malee jibbitu mana qulqullummaa ni saamtaa? 23 Ati kan Seeraan of jajju seera cabsuudhaan Allaah ni salphiftaa? 24 "Sababii keessaniif maqaan Allaaha Namoota Ormaa gidduutti arrabsama" jedhamee barreeffameeraatii.
25 Yoo ati seera eegde dhagna qabaan faayidaa qaba; yoo seera cabsite garuu akka waan dhagna hin qabatinii taateerta. 26 Warri dhagna hin qabatin yoo waan seerri ajaju eegan, akka waan dhagna qabataniitti hin ilaalamanii ree? 27 Namni utuu fooniin dhagna hin qabatin seera eegu tokko si nama seera barreeffame qabaattee dhagnas qabattee seera cabsitutti ni mura.
28 Namni waan alaan mulʼatu qofaan Yihuudii hin taʼu; dhagna qabachuunis waan alaan mulʼatu qofa miti. 29 Garuu nama keessa namummaa isaatiin Yihuudii taʼetu Yihuudii dha; dhagna qabaanis dhagna qabaa yaada garaa kan Hafuuraan taʼuudha malee seera barreeffameen miti. Namni akkasii Allaah biratti malee nama biratti hin jajamu.